Monday, July 23, 2012

Qeerroo: Magaalli Finfinnee Dirree Waraanaa Fakkaatte, Diddaan Ummataas Jabaatee Itti Fufe

July 21, 2012 at 10:32 pm · Gadaa.com

(Adoolessa 21, 2012 Finfinnee – Qeerroo) – Gaaffii Mirgaa mootummaan Wayyaanee ukaamsuuf olii fi gadi kaatu milkii dhabuun uummatni waraana Wayyaanee dhagaan of irraa dhorke, Mootummaan Wayyeenee EPRDF gaaffii mirgaa musliimotni gaafatan ukkaamsuuf yaalus uummatni gaaffiin mirgaa ukkaamsamuu hin qabu, Dhuguma Wayyaaneen garboomfataa dha, Qaala’insi jireenyaa biyyattii keessaa sababa siyaasaan kan dhufedha jechuun waraana Wayyaanee uummata reebuu fi qabee hidhaatti guuruuf bobba’e ummanni diddaa fi tokkummaa isaa cimsee dhagaan tume. Naannoo Masgiida Anuwaaritti kan jalqabame yoommuu tahu Wayyaaneen Agaazii kumaatamaan lakkaa’aman naannoo sanatti bobbaasuun uummata dirqamaan akka dhaaban ajaja kennus uummatni kallattii hundaan itti yaa’ee karaa cufuun waraana Wayyaanee gaaffii mirgaa ukkaamsuuf bobba’e dhagaan tumee jira. Waraanni Wayyaanees garaa jabinaan uummata reebaa, arii’uu fi qabuun fincila dhaabuuf yaaliin gochaa jiru milkie itti dhabee dhabee daandiiwwan magaala keessaa cufamanii jiran. Full Story (Qeerroo.net)

Videon gara jabina Humnoota Mootummaan Wayyaanee saaxilu argame!

(Qeerroo, Finfinnee, 22 Adoolessa 2012) Yeroo ammaa kanatti diddaa fi mormii mirgaa fi amantii finiinaa jiru dhaamsuuf hidhattooti mootummaa wayyaanee reebichaa fi dhaanisa naasisaa ummata irraan gahaa akka jiran Qeerroon gabaase.
Qeerroon magaalaa Finfinnee keessa dahatee waan poolisooti wayyaanee ummata irraan gahaa jiran vidiyoodhaan waraabe akka mul’isutti, poolisooti darggoota bakka tokkotti walitti qabanii dabaree itti darbuun ulee furdaadgaan otuu reebanii mul’ata.
Darggoota kunneen erga bakka tokkotti qabamanii konkolaataa jala teessisamanii booda ummati otuu arguu kan akkanatti reeban warra dhoksaan hidhan immoo akkamitti akka dararan yaaduun nama hin dhibu.
Ajjeechaa fi tumiimsa gara jbinaan guutame raawwachuun kan beekaman humnooti Wayyaanee, amma illee bakak addaddaatti ummata hiraarsaa akka jiran Qeerroon gabaasee jira.
Qeerroon dhaamsa dhaame keessatti kanneen ummata nagaa hiraarsuu keessatti hrmaatan marti guyyaan itti kan harka isaanii argatan fagoo akka hin taane hubachiisee jira.

No comments: